BEEKSIISA HOJII
UNITII DEELIVARII WAAJJIRA PIREZIDAANTII MOOTUMMAA NAANNOO OROMIYAA- EJENSII TIRAANISFOORMEESHINII QONNAA ITOOPHIYAATIIN KAN DEEGGARAMU
Gitaa Hojii: Gaggeessaa (Managera), Unitii Deelivarii
Yeroo Turtii Hojii: Waggaa 2
Bakka Hojii (s): Finfinnee
Baay’ina Barbaadamu: Nama (1)
Mindaa fi Faayidaa: Hawwataa
Guyyaa xumura galmee:-
HAALA WALIIGALAA
Mootummaa Naannoo Oromiyaa hojiiwwan gurguddoo GKT 2ffaa keessatti hojjechuuf karoorfaman keessa dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadanii fi madda rakkoolee bulchiinsaa gaarii ta’an keessa (i) hojii bu’uuraalee misooma bishaanii fi misooma daandii (ii)hojii dhabdummaa akkasumas (iii) hojii misooma fi maanaajimantii lafa magaala keessatti dhimmoota hudhaa ta’an furuun ittiquufinsaa fi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti deelivarii unitii (DU) gurmeessuun hojitti galuuf karoorfatee jira.
Deelivarii unitiin (DU) Itoophiyaa dabalatee biyyoota 20 ol keessatti hojiirra kan ole yemmuu ta’u raawwii toora xiyyeeffannaa mootummaa foyyeessuu fi saffisisuu irratti hojjechaa jira. Kanaafuu Deelivarii unitiin (DU) bu’uura irraa waajjira bulchiinsa Sagantaalee ta’uun manneen hojii kanneen waliin qinoominaan hojjechuun dhimmoota xiyyeeffannoo barbaada irratti hojiin bu’aa qabeessa ta’e akka hojjetamu ni taasisa.
Akka waliiglaatti Unitiin deelivarii Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa dhimmoota ijoo armaan gadii irratti xiyyeeffate kan hojjetu ta’a:-
Unitiin deelivarii(DU) Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti gurmaa’u Ejensiin Tiraansfoormeeshinii Qonnaatiin kan deeggaramu ta’a. Ejensiin Tiraansfoormeeshinii Qonnaatiin hudhaalee misooma qonnaa keessatti mul’atan adda baasun hiikuudhaaf Mootummaa Itoophiyaatiin kan dhaabbateedha. Ejensiichii kaayyoo kana galmaa’an gahuuf rakkoolee hojii keessatti mul’atan hiikuun deeggarsa barbaachiisaa ta’e gochuu irratti kan xiyyeeffatu yemmuu ta’u humna raawwachiisummaa qooda fudhattoota cimsuun hudhaalee maqsuuf kan socha’aa jirudha.
CUUNFAA WALIIGALAA GITA HOJICHAA :
Gaggeessaan(Manageriin) Unitii Deliverii Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti gurmaa’uun Duraa Bu’aan unitii deelivarii hojii kana olaantummaan hogganuuf gabaasa dhiyeessuu ta’ee qaba karoorsuu irratti,dhimmoota dursaa argachuu qaban adda baasuu irratti akkasumas hojii guyyaa guyyaa hojjetamu qaban hordofuu irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuu qaba. Karaa biraatiin gaggeessaan garee kun dhimmoota dursa argachuu qaban karaa sirrii ta’een adda baasuun hoggansi olaanaa akka beeku gochuu karoora waggaa fi maniiwwan irratti waliigalame hordoffii fi deeggarsa ittifufiinsa qabu gaggeessu, dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan fi deeggarsa hoggansa olaanaa barbaadan sirritti agarsiisuu akkasumas duub-deebii hoggansaa olaanaa irraa kennamu fudhachuun hojiira olcha.
Gama biraatiin gaggeessaan garee deelivarii hojiin hojjetamu bu’aa qabeessaa ta’u isaa mirkaneeffachuuf Qindeesittota fi ofisaraa ragaa fi gabaasa kallattiidhaan deeggaruu fi hordofuu qaba. Kana malees gaggeessan garee kun karoora gahumsa qabu akka qophaa’uu fi raawwii guyyaa guyyaatti galmaa’u hordofuun rakkoolee hojii keessatti uumaman hiikuun akka danda’amu akkasumas gabaasa sirrii fi yeroo isaa eeggate akka jiraatu gochuuf humna raawwachiisummaa hojjettoota cimsuu irratti kan hojjetu yemmuu ta’u akka barbaachiisummaa isaatti hoggansa olaanaa biratti akka beekamu ni taasisa. Akkasumas gaggeessaan kun hirmaannaan qaamoolee dhimmi isaan ilaalu akka cimu hojjechuu qaba.
Gaggeessaan(Managerin) Unitii deelivarii kun dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan irratti hundaa’uun jijjiramaa yeroo yeroodhaan galmaa’a jiru bifa agarsiisuu danda’uun xinxalaa ifa ta’ee fi rakko hiikuu danda’u fi karoora tarsiimoo’aa fi xinxalaa imaammataa qopheessuun hoggnsaa olaanaaf deeggarsaa gochuu qaba. Akkasumas hojjettootaaf leenjii kennuun raawwii guyyaa guyyaatti galmaa’u akka foyya’uu akkasumas dandeetti rakko hiikuu fi gabaasa dhiyeessuu akka foyya’uu kan deeggaru yemmuu ta’u hojjettoota gidduugaleessaa isa jala jiraniff bifa hordoffuu fi deeggaru ittifufiinsaa qabu fi duub-deebii wayitawaa ta’e kennuun hojii isaanitiin bu’aa qabeessaa akka ta’anii fi misoomni arifataa akka mirknaa’uu gochuu qaba.
Kanaafuu dorgomtoonni dandeetti waa kalaqu akkasumas ilaalcha ni danda’ama jedhu qabaatanii raawwii bu’aa irratti xiyyeeffate taasisuun ergamaa mana hojichaa milkeessuuf kan tattaaffatan ta’u qaba. Gama biraatiin dandeetti xinxala saayinsawaa ta’e gaggeessuu fi yaada bilchaata furmaata ta’uu danda’u qabaatananii muxannooo qaban kana tarsiimoo boocuu akkasumas karoora fi gabaasa qopheessuu keessatti kan shaakalaa turan ta’uu qaba. Kana malees waan waliigalaa irratti xiyyeeffachuu irraa waan qabatamaa lafa irraa jiru bifa agarsiisuu danda’uun karaa guutuu ta’een hojjechuu irratti kan xiyyeeffachuun kan barbaachiisuu ta’ee barreefamaanis dubbachuudhaan ahojii kuminikeeshinii irratti cimaa ta’u qabu
Karaa biraatiin dorgomtoonni kun haalawwan adda addaa keessatti dandeetti dandeetti yaada murtii sirrii ta’e dhiyeessuu,yeroo tokko hojii baay’e hojjechuu akkasumas qormaataawwan adda addaa keessatti ciminaan hojjechuu qabaachuu qabu. Gaggeesssaan Unitii deelivarii kun hojii osoo hin jalqabiin leenjii ji’a tokko fi leenjii ittifufiinsaa qabu kan argatu yemmuu ta’u Duraa Bu’aan deelivarii(DU) fi hoggantoota olaanoo biroo irraa gorsaa idilee fi deeggarsa kan argatu ta’a.
GAHEE HOJII
DANDEETTI BARBAACHIISU
· Gosa barnoota kamiinuu digrii jalqabaa qabaate yoo xiqqaate qabxii gidduugaleessa 3.0 fi isaa ol kan qabu
· Tajaajila gorsaa irratti muuxannoo waggaa ja’a sadarkaa barnoota digrii lammaffaatin ykn waggaa 8 sadarkaa barnoota digrii tokkoffattin qabaatee hojii karoora tarsiimoo’aa qopheessuu fi bulchiinsa piroojeektii akkasumas gabaasa qopheessuu irratti kan hojjechaa ture
· Pirojeektoota bu’aa qabeessaa ta’an bulchuu irratti muuxannoo kan qabu akkasumas dandeetti xinxala qabatamaa ta’ee fi rakkoo hiikuu danda’u qopheessuu fi hojimaata haaraa burqisiisu danda’u
· Xinxala gahuumsa qabu fi yaada furmaata ta’u danda’u dhiyeessu kan danda’u
· Microsoft Office (MS Word, Excel, PowerPoint and Access) irratti dandeetti cimaa ta’e kan qabu ta’e sistamaa data base irratti muxannoo kan qabu yoo ta’e filatamaa dha.
· Jijjiramaa hunda qabeessa ta’e galmeessisuuf kaka’uumsa fi kutannoo cimaa qabaate abboome kan hojjetu
· Dandeetti waa kalaqu fi ilaalchaa gaarii kan qabu fi rakkoolee adda addaa keessatti illee hojii bu’aa qabeessa ta’e hojjechuu kan danda’u.