BEEKSIISA HOJII
DELIVARII UNITII WAAJJIRA PIREZIDAANTII MOOTUMMAA NAANNOO OROMIYAA- EJENSII TIRAANISFOORMEESHINII QONNAA ITOOPHIYAATIIN KAN DEEGGARAMU
Gitaa Hojii: Dura Bu’aa, Unitii Deelivarii (DU)
Yeroo Turtii Hojii: Waggaa 2
Bakka Hojii : Finfinnee
Baay’ina Barbaadamu: Nama (1)
Mindaa fi Faayidaa: Hawwataa
Guyyaa xumura galmee:
HAALA WALIIGALAA
Mootummaa Naannoo Oromiyaa hojiiwwan gurguddoo GKT 2ffaa keessatti hojjechuuf karoorfaman keessa dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadanii fi madda rakkoolee bulchiinsaa gaarii ta’an keessa (i) hojii bu’uuraalee misooma bishaanii fi misooma daandii (ii)hojii dhabdummaa akkasumas (iii) hojii misooma fi maanaajimantii lafa magaala keessatti dhimmoota hudhaa ta’an furuun ittiquufinsaa fi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti deelivarii unitii (DU) gurmeessuun hojitti galuuf karoorfatee jira.
Deelivarii unitiin (DU) Itoophiyaa dabalatee biyyoota 20 ol keessatti hojiirra kan ole yemmuu ta’u raawwii toora xiyyeeffannaa mootummaa foyyeessuu fi saffisisuu irratti hojjechaa jira. Kanaafuu Deelivarii unitiin (DU) bu’uura irraa waajjira bulchiinsa Sagantaalee ta’uun manneen hojii kanneen waliin qindoominaan hojjechuun dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan irratti hojiin bu’aa qabeessa ta’e akka hojjetamu ni taasisa.
Akka waliiglaatti Unitiin deelivarii Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa dhimmoota ijoo armaan gadii irratti xiyyeeffate kan hojjetu ta’a:-
Unitiin deelivarii(DU) Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti gurmaa’u Ejensiin Tiraansfoormeeshinii Qonnaatiin kan deeggaramu ta’a. Ejensiin Tiraansfoormeeshinii Qonnaa hudhaalee misooma qonnaa keessatti mul’atan adda baasun hiikuudhaaf Mootummaa Itoophiyaatiin kan dhaabbateedha. Ejensiichii kaayyoo kana galmaa’an gahuuf rakkoolee hojii keessatti mul’atan hiikuun deeggarsa barbaachiisaa ta’e gochuu irratti kan xiyyeeffatu yemmuu ta’u humna raawwachiisummaa qooda fudhattoota cimsuun hudhaalee kana maqsuuf kan socha’aa jirudha.
CUUNFAA WALIIGALAA GITAA HOJICHAA
Dura B’aan unitii deelivarii Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti gurmaa’u hoggansaa olaanaa Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif akkasumas daayireektaraa xinxala olaanaa Ejensii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa keessatti argamuuf gabaasa ni dhiyeessa. Karaa biraatiin qindeessaan kun hoggansaa olaanaa waliin walitti dhufeenyaan hojjechuun dhimmoota dursa argachuu qaban akkasumas karoora qophaa’ee fi maniiwwan qabaman karaa sirrii ta’een adda baasuun hoggansi olaanaa hubannoo gahaa ta’e akka qabaatu gochuu, hordoffii fi deeggarsa ittifufiinsa qabu gaggeessu, dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan fi deeggarsa hoggansa olaanaa barbaadan sirritti agarsiisuu akkasumas duub-deebii hoggansaa olaanaa irraa kennamu fudhachuun hojiirra olchuu qaba.
Kana malees hojiirra olmaa hojimaata haaraa kana mirkaneeffachuu fi rakkoon osoo hin uumamiin dursanii sirreessuuf qindeessaan kun waggaa jalqabaa irratti ji’a ji’aan gabaasa raawwii karoora unitii deelivarii kan dhiyeessuu ta’ee waggootttan itti aanaan keessatti immoo kurmaanaan dhiyeessuu qaba.
Karaa biraatiin Dura Bu’aan unitii deelivarii kun hojii guyyaa guyyaatti hojjetamu sirritti hordofuun akkaataa waliigalameen tajaajila barbaachiisuu dhiyeessuu, dhimmamtoonni keessaa fi alaa akkasumas mannen hojii kana abbummaan gaggeessan kutannoo cimaa qabaatanii deeggarsaa barbaachiisaa ta’e akka taasisan gochuuf walitti dhufeenya cimaa ta’e uumuun qindoominaan hojjechuun irraa eegama. Akkasumas Dura Bu’aan kun gaggeessaa deelivarii dabalatee, xinxaltoota fi xinxaltoota olaanaa, ofisaraa ragaa fi gabaasa kan to’aatu fi hordofuu yemmuu ta’u, hoggansa olaanaa Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin qindominaan ni hojjeta.
Kanaafuu dorgomtoonni dandeetti waa kalaqu akkasumas ilaalcha ni danda’ama jedhu qabaatanii raawwii bu’aa irratti xiyyeeffate taasisuun ergamaa mana hojichaa milkeessuuf kan tattaaffatan ta’u qaba. Gama biraatiin dandeetti xinxala saayinsawaa ta’e gaggeessuu fi yaada bilchaata furmaata ta’uu danda’u qabaatanii muuxannooo qaban kana tarsiimoo boocuu akkasumas karoora fi gabaasa qopheessuu keessatti kan shaakalaa turan ta’uu qaba. Kana malees waan waliigalaa irratti xiyyeeffachuu irraa waan qabatamaa lafa irraa jiru bifa agarsiisuu danda’uun karaa guutuu ta’een hojjechuu irratti xiyyeeffachuun kan barbaachiisuu ta’ee barreefamaanis ta’e dubbachuudhaan hojii kominikeeshinii irratti cimaa ta’u qabu. Akkasumas dorgomtoonni haalawwan adda addaa keessatti dandeetti yaada murtii sirrii ta’e dhiyeessuu fi yeroo tokko hojii baay’e hojjechuu akkasumas qormaataawwan adda addaa keessatti ciminaan hojjechuu qabaachuu qabu.
GAHEE HOJII
DANDEETTI BARBAACHHISUU