BEEKSIISA HOJII
UNITII DEELIVARII WAAJJIRA PIREZIDAANTII MOOTUMMAA NAANNOO OROMIYAA- EJENSII TIRAANISFOORMEESHINII QONNAA ITOOPHIYAATIIN KAN DEEGGARAMU
Gita Hojii: Qindeessaa, Unitii Deelivarii(DU)
Yeroo Turtii Hojii: Waggaa 2
Iddoo Hojii: Finfinnee
Baay’ina barbaadamu Nama 3
Mindaa fi Faayidaa: Hawwataa
Guyyaa galmee:
HAALA WALIIGALAA
Mootummaa Naannoo Oromiyaa hojiiwwan gurguddoo GKT 2ffaa keessatti hojjechuuf karoorfaman keessa dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadanii fi madda rakkoolee bulchiinsaa gaarii ta’an keessa (i) hojii bu’uuraalee misooma bishaanii fi misooma daandii (ii)hojii dhabdummaa akkasumas (iii) hojii misooma fi maanaajimantii lafa magaala keessatti dhimmoota hudhaa ta’an furuun ittiquufinsaa fi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti deelivarii unitii (DU) gurmeessuun hojitti galuuf karoorfatee jira.
Deelivarii unitiin (DU) Itoophiyaa dabalatee biyyoota 20 ol keessatti hojiirra kan ole yemmuu ta’u raawwii toora xiyyeeffannaa mootummaa foyyeessuu fi saffisisuu irratti hojjechaa jira. Kanaafuu Deelivarii unitiin (DU) bu’uura irraa waajjira bulchiinsa Sagantaalee ta’uun manneen hojii kanneen waliin qindoominaan hojjechuun dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan irratti hojiin bu’aa qabeessa ta’e akka hojjetamu ni taasisa.
Akka waliiglaatti Unitiin deelivarii Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa dhimmoota ijoo armaan gadii irratti xiyyeeffate kan hojjetu ta’a:-
Unitiin deelivarii(DU) Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti gurmaa’u Ejensiin Tiraansfoormeeshinii Qonnaatiin kan deeggaramu ta’a. Ejensiin Tiraansfoormeeshinii Qonnaa hudhaalee misooma qonnaa keessatti mul’atan adda baasun hiikuudhaaf Mootummaa Itoophiyaatiin kan dhaabbateedha. Ejensiichii kaayyoo kana galmaa’an gahuuf rakkoolee hojii keessatti mul’atan hiikuun deeggarsa barbaachiisaa ta’e gochuu irratti kan xiyyeeffatu yemmuu ta’u humna raawwachiisummaa qooda fudhattoota cimsuun hudhaalee kana maqsuuf kan socha’aa jirudha
CUUNFAA WALIIGALAA GITA HOJICHAA:
Qindeessan unitii deelivarii Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti gurmaa’u gaggeessaa Unitii deelivariitiif gabaasa kan dhiyeessuu ta’ee kallattii gaggeessaa kana irraa kennamuun gargaaramuun karoora gahumsa qabu fi gabaasa sirrii ta’e yeroodhaan dhiyaachuu isaa akkasumas raawwii galmaa’u yeroo yeroodhaan hordofuun dhimmoota hojii keessatti hudhaa ta’an adda bahaanii yaadni furmaata rakko kana hiikuu danda’u dhiyaachuu isaa mirkaneeffachuuf manneen hojii dhimmi isaan ilaallatu fi gareewwan biroo waliin walitti hiqeenyaan kan hojjetu yemmuu ta’u akka barbaachiisummaa isaatti hoggansi olaanaa akka beekamu ni taasisa.
Gama biraatiin Qindeessaan kun dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan irratti hundaa’uun jijjiramaa yeroo yeroodhaan galmaa’a jiru bifa agarsiisuu danda’uun xinxalaa ifa ta’ee fi rakko hiikuu danda’u dhiyeessuu akkasumas karoora tarsiimoo’aa fi xinxalaa imaammataa qopheessuun hoggnsaa olaanaaf deeggarsaa ni kenna. Kana malees Qindeessaan kun hojii guyyaa guyyaa hordofuun deeggarsaa kan taasisu yemmuu ta’u humni raawwachiisummaa hojjettoota cimee dandeetti rakkoo uumame hiikuu fi gabaasa gahuumsa qabu dhiyeessu akka foyya’u dokumantii qopheessuun leenjiin akka kennamu deeggarsaa ni godha.
Kanaafuu dorgomtoonni dandeetti waa kalaqu akkasumas ilaalcha ni danda’ama jedhu qabaatanii raawwii bu’aa irratti xiyyeeffate taasisuun ergamaa mana hojichaa milkeessuuf kan tattaaffatan ta’u qaba. Gama biraatiin dandeetti xinxala saayinsawaa ta’e gaggeessuu fi yaada bilchaata furmaata ta’uu danda’u qabaatananii muuxannooo qaban kana tarsiimoo boocuu akkasumas karoora fi gabaasa qopheessuu keessatti kan shaakalaa turan ta’uu qaba. Kana malees waan waliigalaa irratti xiyyeeffachuu irraa waan qabatamaa lafa irraa jiru bifa agarsiisuu danda’uun karaa guutuu ta’een hojjechuu irratti kan xiyyeeffachuun kan barbaachiisuu ta’ee ta’ee barreefamaanis ta’ee dubbachuudhaan hojii kuminikeeshinii irratti cimaa ta’u qabu.
Gama biraatiin dorgomtoonni haalawwan adda addaa keessatti dandeetti yaada murtii sirrii ta’e dhiyeessuu fi yeroo tokko hojii baay’e hojjechuu akkasumas qormaataawwan adda addaa keessatti ciminaan hojjechuu qabaachuu qabu. Gama biraatiin Qindeessaan deelivarii kun hojii osoo hin jalqabiin leenjii ji’a tokko fi leenjii ittifufiinsaa qabu kan argatu yemmuu ta’u gageessaa Unitii deelivarii irraa gorsaa kan fudhatu ta’a
GAHEE HOJII
DANDEETTI BARBAACHIISU
Let Employers Find You
Upload/Update Your CVFeatured Jobs