BEEKSIISA HOJII
UNITII DEELIVARII WAAJJIRA PIREZIDAANTII MOOTUMMAA NAANNOO OROMIYAA- EJENSII TIRAANISFOORMEESHINII QONNAA ITOOPHIYAATIIN KAN DEEGGARAMU
Gita Hojii Ofisara Ragaa fi Gabaasa, Unitii Deelivarii(DU)
Yeroo Turtii Hojii Waggaa 2
Iddoo Hojii Finfinnee
Baay’ina barbaadamu Nama (1)
Mindaa fi Faayidaa:- Hawwataa
Guyyaa xumura galmee:-
HAALA WALIIGALAA
Mootummaa Naannoo Oromiyaa hojiiwwan gurguddoo GKT 2ffaa keessatti hojjechuuf karoorfaman keessa dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadanii fi madda rakkoolee bulchiinsaa gaarii ta’an keessa (i) hojii bu’uuraalee misooma bishaanii fi misooma daandii (ii)hojii dhabdummaa akkasumas (iii) hojii misooma fi maanaajimantii lafa magaala keessatti dhimmoota hudhaa ta’an furuun ittiquufinsaa fi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti deelivarii unitii (DU) gurmeessuun hojitti galuuf karoorfatee jira.
Deelivarii unitiin (DU) Itoophiyaa dabalatee biyyoota 20 ol keessatti hojiirra kan ole yemmuu ta’u raawwii toora xiyyeeffannaa mootummaa foyyeessuu fi saffisisuu irratti hojjechaa jira. Kanaafuu Deelivarii unitiin (DU) bu’uura irraa waajjira bulchiinsa Sagantaalee ta’uun manneen hojii kanneen waliin qindoominaan hojjechuun dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan irratti hojiin bu’aa qabeessa ta’e akka hojjetamu ni taasisa.
Akka waliiglaatti Unitiin deelivarii Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa dhimmoota ijoo armaan gadii irratti xiyyeeffate kan hojjetu ta’a:-
Unitiin deelivarii(DU) Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti gurmaa’u Ejensiin Tiraansfoormeeshinii Qonnaatiin kan deeggaramu ta’a. Ejensiin Tiraansfoormeeshinii Qonnaa hudhaalee misooma qonnaa keessatti mul’atan adda baasun hiikuudhaaf Mootummaa Itoophiyaatiin kan dhaabbateedha. Ejensiichii kaayyoo kana galmaa’an gahuuf rakkoolee hojii keessatti mul’atan hiikuun deeggarsa barbaachiisaa ta’e gochuu irratti kan xiyyeeffatu yemmuu ta’u humna raawwachiisummaa qooda fudhattoota cimsuun hudhaalee kana maqsuuf kan socha’aa jirudha.
CUUNFAA WALIIGALAA GITA HOJICHAA :
Ofisarri ragaa fi gabaasaa gaggeessaa Unitii deelivaritiif gabaasa kan dhiyeessuu ta’ee karoora gahuumsa qabu fi unkaalee gabaasa adda addaa qopheessuu akkasumas bulchiinsa piroojeektii fi hojimaata barbaachiisuu diriirsuu irratti kan xiyyeeffatee ta’a. Gama biraatiin ofisarrii kun ragaa sirrii ta’e funaanuun xinxalaa gabaasa ragaa qabatamaa irratti hunda’ee fi murtee dabarsuuf gargaaruu kan qopheessuu yemmuu ta’u qaamoolee hojii kan abbummaan hojjetan gabaasa yeroo isaa eeggatee fi gahuumsaa qabu hoggansaa olaanaatiif dhiyeessuu akka danda’an ni deeggara.
Karaa biraatiin ogeessoonni olaanoon Ejensiin Tiraansfoormeeshinii Qonnaa humna raawwachiisummaa ofisara kana cimsuuf leenjii gabaaba fi leenjii ittifufiinsa qabu akkasumas gorsaa fi deeggarsa adda addaatiin kan deeggaran yemuu ta’u adeemsaalee hojii karoora fi baajataa Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin qindoominaan ni hojjeta.
Kanaafuu dorgomtoonni dandeetti waa kalaqu akkasumas ilaalcha ni danda’ama jedhu qabaatanii raawwii bu’aa irratti xiyyeeffate taasisuun ergamaa mana hojichaa milkeessuuf kan tattaaffatan ta’u qaba. Kana malees dorgomtoonni unkaalee fi hojimaata haaraa ragaa sassaabuuf gargaaranii fi gabaasni ittin dhiyaatu qopheessuu dabalatee ragaa funaanuu,bulchuu fi xinxaluun gabaasa qopheessuu irratti muuxannoo kan qabaatan ta’ee dhaabbilee gurguddoo fi hoggansaa olaanaa waliin kan hojjetan osoo ta’e ni filatama.Karaa biraatiin waan waliigalaa irratti xiyyeeffachuu irraa waan qabatamaa lafa irraa jiru bifa agarsiisuu danda’uun karaa guutuu ta’een hojjechuu irratti kan xiyyeeffachuun kan barbaachiisuu ta’ee barreefamaanis ta’e dubbachuudhaan hojii kuminikeeshinii irratti cimaa ta’u qabu Akkasumas ofisarrii kun haalawwan adda addaa keessatti dandeetti yaada murtii sirrii ta’e dhiyeessuu fi qormaataawwan adda addaa keessatti ciminaan hojjechuu qabaachuu qabu.
GAHEE HOJII
DANDEETTI BARBAACHIISU